Agriculture Development
Damee Qonnaa
Tajaajila ekisteenshinii walitti fufinsa qabu qonnaan/horsiisee bultootaaf, dubartootaa fi dargaggoota qonnaan bulaatiif kennuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, bara xumura KGT Iffaatti Hawaasa baadiyyaa mil.8.5’f (Q/H/B/Abbaa warraa mil.4.16, Dubartoota Abbaa warraa qaban mil.3.39 fi dargaggoota mil. 1.012) tajaajilli ekisteenshinii kan kennamaa ture yoo ta’u; bara xumura KGT IIffaa tti gara mil.9.27tti (Q/H/B/Abbaa warraa mil.4.3, Dubartoota Abbaa warraa qaban mil.3.7 fi dargaggoota mil. 1.14) ol guddisuuf karoorfamee hanga xumura KGT 2ffaatti Hawaasa baadiyyaa mil.9.08’f (%98) (Q/H/B/Abbaa warraa mil.4.23, Dubartoota Abbaa warraa qaban mil.3.785 fi dargaggoota mil. 1.07) tajaajilli ekisteenshinii kennamee jira.
Raawwii KGT 2ffaa
Raawwii Damee Qonnaa
1. Kenna Tajaajila Eksteenshinii
Tajaajila ekisteenshinii walitti fufinsa qabu qonnaan/horsiisee bultootaaf, dubartootaa fi dargaggoota qonnaan bulaatiif kennuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, bara xumura KGT Iffaatti Hawaasa baadiyyaa mil.8.5’f (Q/H/B/Abbaa warraa mil.4.16, Dubartoota Abbaa warraa qaban mil.3.39 fi dargaggoota mil. 1.012) tajaajilli ekisteenshinii kan kennamaa ture yoo ta’u; bara xumura KGT IIffaa tti gara mil.9.27tti (Q/H/B/Abbaa warraa mil.4.3, Dubartoota Abbaa warraa qaban mil.3.7 fi dargaggoota mil. 1.14) ol guddisuuf karoorfamee hanga xumura KGT 2ffaatti Hawaasa baadiyyaa mil.9.08’f (%98) (Q/H/B/Abbaa warraa mil.4.23, Dubartoota Abbaa warraa qaban mil.3.785 fi dargaggoota mil. 1.07) tajaajilli ekisteenshinii kennamee jira.
Hirmaannaa paakeejii guutuu ilaalchisee bara xumura KGT Iffaa tti qonaan bulaa 1,448,942 (abbaa warraa 1,306,442 fi haadha warraa 142,500) fi darggagootaa 241,490 waliigala 1,690,432 irra ture bara xumura KGT IIffaa ttii hirmaannaa qonnaan bulaa paakeejii guutuu irratti wagga waggaan %15’niin dabaluun gara qonaan bulaa 3,076,024 (abba warraa 2,494,614 fi haadha warraa 581,410) fi darggagootaa 388,922 waliigala 3,464,946tti ol guddissuuf kan karoorfame yommuu ta’u; xumura KGT 2ffaatti qonaan bulaa 1,799,255 (%52) (abbaa warraa 1,601,337 fi haadha warraa 197,918) paakeejii guutuu fayyadamuu keessatti hirmaatanii jiru.
Ragaa kana irraa hubachuun akka danda’amutti hirmaatota paakejii guutuu waggaa waggaan gidugaleesan %15 dabaluuf karoorfamulee akkataa raga jiruun bara baran kan dabalaa dhufe %1.3 qofaadha. Qonnaan/horsiisee bultootni abbaa warraa jiran keessaa % 42.4 qofaan paakeejii guutuu keessatti hirmaachaa kan jiran yammuu ta’u, %57.6 paakeejii guutuutti keessatti hirmaachaa kan hin jirre waan ta’eef omiishaa fi omishtummaa dabaluudhaaf hojiin hirmaatota paakejii guutuu fayyadaman dabaluuf hojetamu xiyyeeffannaa addaa kan barbaaduu dha.
3. Omiishaa fi omishtumaa Qonna Arfasaa
Qonna arfaasaatiin bara xumura KGT Iffaatti lafti heektaarri 622,390 misoomee ture dhuma KGT IIffaa tti gara lafa heektaara 910,550 tti ol guddissuun misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u; ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi Federaala (CSA) irraa argame akka mul’isutti lafti heektaara 727,795.5 (%80) midhaan gurguddoo adda addaan misoomee jira. Akka ragaa kana irraa hubachuun danda’amutti giddu galeessaan waggaa wagaan lafti misoome % 3.2 guddina agarsiisee jira.
Bara xumura KGT Iffaatti oomisha kunt. mil. 6.3 argamee ture bara xumura KGT IIffaa tti gara kunt. mil. 13.3 tti guddissuuf kan karoorfamee ture, bara xumura KGT 2ffaatti oomishaa kunt mil. 9.370 (%70.4) akka argame ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi biyyoolessaa (CSA) irraa argame ni mul’isa. Kunis giddu galeessaan waggaa wagaan omishni % 8.0 guddina agarsiisee jira.
Oomishtummaa midhaan gurguddoo bara xumura KGT Iffaa tti gidduu galeessan heektaara tokko irraa kuntalaa 10.24 argamee ture dhuma bara KGT IIffaatti gara 14.61 tti guddissuuf kan karoorfame yoo ta’u, raawwiin 12.8 (%88.1) tti fooyyessuun danda’amii jira. Kunis giddu galeessaan waggaa wagaan omishtummaan % 4.7 daballii agarsiisee jira.
4. Omiishaa fi omishtumaa Qonna Gannaa
Omishni misooma midhaanii dhibbentaan guddaan kan argamu qonna gannaatiini. Akka ragaan baroottan darban mul’isutti lafti misoomu %87 fi oomishni %93 kan argamu qonna gannaa irraa akka ta’ee dha. Bara xumura KGT Iffaa tti lafti heektaarri mil. 5.7 lafa midhaan gurguddootiin misoomee ture, dhuma KGT IIffaatti gara lafa heektaara mil. 6.064 tti ol guddissuun misoomsuuf kan karoorfame yoo ta’u; ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi Federaala (CSA) irraa argame akka mul’isutti xumura KGT 2ffaatti lafti heektaara mil. 5.764 (%94.7) midhaan gurguddoo adda addaan uwwifamee jira. Akka ragaa kana irraa hubachuun danda’amutti waggoota shanan darban kanatti gama lafa misoomeetiin giddu galeessaan %0.21 guddina agarsiisee jira.
Bara omishaa 2007/08tti ittifayyadamni paakeejii guutuu hek. 1,150,448 yoo ta’u, lafa misoomerraa (%20.2) kan ture, bara xumura KGT2ffaatti raawwiin hek. 1,363,193 (%24) tti ol guddatee jira. Kunis, waggaatti giddu-galeessaan %3.45’n dabalaa akka dhufe ragaan ADMIN (Biiroo Qonnaa) ni mul’isa
Bara xumura KGT Iffaa tti akka walii-galaatti midhaanota gurguddoo (midhaan agadaa fi biilaa, midhaan dheedhii fi dibataa) tiin oomisha kunt. mil. 133.71 argamee ture bara xumura KGT IIffaa ttii giddu galeessaan waggatti %11’n ol-guddissuun oomisha kunt. mil. 186.434 argachuuf kan karoorfamee yoo ta’u, akka ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi Federaala (CSA) irraa argame ni mul’isutti tilmaama omiisha duraa 2011/12n omishni kunt. Mill. 162.383 %87.1 argamee jira. Kuniis gosa midhaaniitiin yoo ilaalamu; bara xumura KGT Iffaa tti oomishni midhaan biilaa fi agadaa kunt. mil.118.1, dheedhii kunt. mil.12.06 fi dibataa kunt. mil.3.4 argamee ture bara xumura KGT IIffaa tti midhaan biilaa fi agadaa kunt. mil.164.752, dheedhii kunt. mil.14.971 fi dibataa kunt. mil.6.710 oomishuuf karoorfamee bara 2011/12tti midhaan biilaa fi agadaa kunt. mil.146.443, dheedhii kunt. mil.11.721 fi dibataa kunt. mil.4.217 argamee jira.
Oomishtummaa midhaan gurguddoo bara xumura KGT Iffaa tti gidduu galeessan heektaara tokko irraa kuntaala 23.4 argamee ture tajaajila ekisteenshinii qonnaa fi itti fayyadama callaa guddistuu fooyyessuun dhuma bara KGT IIffaatti gara kun/hek 37 guddissuuf kan karoorfame yoo ta’u, akka raga ‘centeral statistics biyyoolessaa’ ibsutti bara 2011/2012 omishtummaan midhaan gurguddoo kun/hek 28.2 argamee jira. kunis waggoottan shaman darban kanatti giddu galeessaan %3.7n daballii kan argisiisee dha. Gosa midhaaniitiin yoo ilaalamu; bara xumura KGT Iffaa tti oomishtummaan midhaan Biilaa fi Agadaa 25.0, Dheedhii 19.05 fi Dibataa 10.08 ture bara xumura KGT II ffaa tti midhaan Biilaa fi Agadaa gara 33.1, Dheedhii gara 20.8 fi Dibataa gara 18.1 guddisuuf karoorfamee bara 2011/2012tti heektaara tokko irraa giddugaleessaan kuntaala tokko irraa midhaan Biilaa fi Agadaa 30.0, Dheedhii 20.9 fi Dibataa 13.3 argamee jira.
5. Misooma Midhaan Hiddaa fi Kuduraa
5.1 Misooma Kuduraa
Bara xumura KGT Iffaa tti lafa heektaara 20,000 misoomee ture bara xumura KGT IIffaa tti lafa hektaara 36,654 misoomsuuf karoorfame raawwiin lafaa 88,097 (%>100) misoomee jira. Oomiisha ilaalchisee bara xumura KGT Iffaa tti oomishni kunt. mil. 1.7 oomishamee ture bara xumura KGT IIffaatti ku ntaala mil.4.15 oomishuuf karoorfamee raawwiin kuntaala mil.2.88 (%69.3) akka argame ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi biyyoolessaa (CSA)irraa argame ni argisiisa. Ragaa kana irraa hubachuun akka danda’amutti lafti waggaa waggaan giddu galeessaa lafti %34.5 fi omishni %11.2n guddina agarsiisaa akka dhufe mul’isa.
5.1.1 Midhaan Hiddaa
Bara xumura KGT Iffaa tti lafa heektaara 89,000 misoomee ture bara xumura KGT IIffaatti hek. 143,270tti guddisuuf karoorfamee raawwiin heektaara 59,942 ta’uu ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi biyyoolessaa (CSA) irraa argame ni argisiisa.
Oomisha ilaalchisee bara xumura KGT Iffaa tti oomishni kunt. mil. 26.38 oomishamee ture bara xumura KGT IIffaatti kunt mil.47.54 guddisuuf karoorfamee raawwiin kuntaala mil.15.64 akka argame ragaan Ejensii G/Galeessa Istaatistiksi biyyoolessaa (CSA) irraa argame ni argisiisa. Raawwiin kun giddu galeessaan waggaa waggaan lafaan (-%7.9) fi Omishaan (-%9.9) n hir’ina argisiisaa dhufee jira.
5.1.2 Muduraa
Bara xumura KGT Iffaatti lafa heektaara 27,000 misoomee ture bara xumura KGT IIffaa tti heek 42,970 karoorfamee raawwiin heek 30,314 %70.5 raawwatamee jira. Kunis waggaatti giddu galeessaan lafti %2.6 dabalaa dhufee jira.
Oomiisha ilaalchisee bara xumura KGT Iffaa tti oomishni kunt. mil. 1.827 oomishamee ture bara xumura KGT IIffaa tti kunt mil.3.67 argachuuf karoorfamee raawwiin kunt. Mil. 2.36 %64. argamee jira. Kunis waggaatti giddu galeessaan omishni %5.3 dabalaa dhufee jira.
Oomishtummaa ilaalchisee bara xumura KGT Iffaa tti giddugaleessaan heektaara tokko irraa 68.46 argamaa ture bara xumura KGTIIffaatti 85.5tti guddisuuf karoorfamee raawwiin 78.0 %91.2 raawwatamee jira. Akka ragaa kana irraa hubachuun danda’amutti; waggaatti giddu galeessaan omishtummaan %2.6 dabalaa dhufee jira.
6. Omiishaa fi omishtummaa misooma jallisii
6.1 Misooma jallisii gosa adda adda waliigalaa (marsaa 1ffaa+ 2ffaa)
Misooma jallisii gosa addaa addaa marsaa 1ffaa fi 2ffaatiin bara xumura KGT Iffaatti lafa heektaara 1,489,274 misoomsuun omishtummaa hektara tokko irraa kunt/hek. 112 fi omisha kuntaala mil.167.145 aragamee ture,dhuma KGT IIffaatti lafa heektaara 1,474,475 misoomsuun omishtummaa hektaara tokko irraa kun/hek 170 fi omisha kuntaala mil. 439.297 argachuuf kan karoorfame yoo ta’u; ragaan ADMN irraa argame akka mul’isutti raawwiin lafa heektaara 565,486 (%38.4) misoomsuun, omishtummaa hekteera tokko irraa kun/hek 158 fi Omisha kuntaala mil. 89.555 (%20.3) argachuun danda’amee jira.Akka ragaa kana irraa hubachuun danda’amutti giddu-galeessaan waggaatti lafti misoome %18.7, omishni %11.7’n hir’ina kan agrsiisan yoo ta’u, omishtummaan garuu, %8.6 guddina agarsiisee jira. Hir’inni lafaa fi omisha irratti mul’ate kun baroota 2011 dura lafa misoomaa turee fi omishi argamaa ture jedhamu qorannoo geggeeffameen yeroo adda bahu lafti misooma jallisiif oole bal’inaan gadi bu’iinsa agarsiisee waan jiruuf, bara 2012 kana ragaan isaa sirratee akka karoorfamu ta’ee jira.
7. Itti Fayyadama callaa guddistuu xaa’oo fi sanyii filatamaa
7.1 Xaa’oo
Misooma qonna midhaanii gaggeeffamu keessatti gaheen callaa guddistuu isa olaanaa dha. Bu’uuruma kanaan Xumura KGT 1ffaa Bara oomisha 2006/07 itti fayadamni xaa’oo kunt. 2,797,700 irra kan ture yoo ta’u; bara xumura KGT 2ffaatti giddu-galeessaan waggaatti %12.7 guddisuun kunt. 5,939,688 irraan gahuuf karoorfamee keessaa bara xumura omisha 2011/12tti kuntaala 4,954,936(%83) irra gahee jira. Kunis giddu-galeessaan waggaatti %12.1 guddina argisiisee jira. Raawwiin jiru jijjiirama kan argisiisaa dhufe ta’us, lafa lafa xaa’oodhaan misoome waliin wal-bira qabamee yommuu ilaalamu baay’ee gadi aanaa ta’uudha.
7.2 Sanyii filatamaa Midhaanii
Itti fayyadamni sanyii filatamaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabuu ta’uun isaa beekkamaadha. Haaluma kanaan bara xumura KGT 1ffaatti itti fayyadamni sanyii filatamaa (C1 fi C2) kunt. 660,500 irra kan ture yoo ta’u; bara xumura KGT 2ffaatti giddugaleessan waggaatti %15 guddisuun kunt. 1,328,320 irraan gahuuf kan karoorfame bara oomisha 2011/12tti kuntaala 475,797 (%36) irra gahee jira. Kunis giddu-galeessaan waggaatti %6.3 hir’achaa akka dhufe ragaan ni agarsiisa. Hir’ina kanaaf, dhaabbiileen sanyii baay’isan hedduun C2 xiqqeessanii baay’isuun C1 baay’inaan baay’isaa dhufuu isaanii, qonnaan bulaan hedduun sanyii ofii wal-jijjiiruun fayyadamuu, sanyii naannoo fayyadamuu fi sanyii dhaabbiilee adda addaa beekkamtii waajjiraalee qonnaatiin alatti qonnaan bulaa bira dhaqu (Qorannoo qonnaa, dhaabiilee miti-mootummaa adda addaa) fayyadamuun akka sababa guddaatti dhimmoota ka’aniidha
Raawwiin ittifayyadama Sanyii mirkana’ee (C1) bara xumura KGT 1ffaa tti kunt. 171,200 irra kan ture bara xumura KGT 2ffaa tti giddu-galeessaan waggaatti %15’n guddisuun kunt. 344,240 irraan gahuuf kan karoorfame yoo ta’u; bara oomisha 2011/12tti kuntaala 442,397 (>%100) irraa gahee jira. Kunis jiddu-galeessaan waggaatti %21’n guddina argisiisee jira.
Sanyiin qonnaan bulaa wal-jijjiraan fayyadamu fi itti fayyadama mirkana’aa sadarkaa 2ffaa (C2) bara xumura KGT1ffaatti kunt. 489,300 kan ture xumura KGT 2ffaatti giddu-galeessaan waggaatti %15’n guddisuun kunt. 984,080 irraan gahuuf karoorfame keessaa bara omisha 2011/12 kuntaala 33,400 irra gaheera. Hir’ina kanaaf, sanyii naannoo fayyadamuu fi sanyii dhaabbilee adda addaa beekkamtii waajjiraalee qonnaatiin alatti qonnaan bulaa bira dhaqu(Qorannoo qonnaa, dhaabbilee miti-mootummaa adda addaa) fayyadamuu fi ragaan kanaan dura akka C2tti qabatamaa ture labooratorii mirkaneessa sanyii waan hin mirkanoofneef akka ragaatti qabachuu dhabuu akka sababa guddaatti dhimmoota ka’aniidha
Baay’ina qonnaan bulaa callaa guddistuu fayyadaman bara xumura KGT1ffaatti lakk. 2,074,954 (dhiira 1,879,709 fi dubartii 195,245) kan ture KGT 2ffaa tti giddu-galeessaan waggaatti % 14.8 guddisuun 4,146,236 (dhiira 3,564,826 fi dubartii 581,410) irraan gahuuf kan karoorfamee bara oomisha 2011/12 tti qonnaan bulaan lakkoofsaan 2,915,124(dhiira 2,641,936 fi dubartii 273,188) (%74) irraa gahee jira. Kunis jiddu-galeessaan waggaatti %7 guddina argisiisee jira.
7.3 Sanyii filatamaa baay’isuu
Sanyii filatamaa baay’isuun hanqina sanyii filatamaa jiru furuuf dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaa sanyii filatamaa gosaa fi akaakuu adda addaatiin baay’isanii dhiyeessuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan, bara xumura KGT1ffaa tti kunt. 58,114 baay’atee ture, bara xumura KGT 2ffaatti jiddu-galeessaan waggaatti %15’n guddisuun kunt.116,888 irraan gahuuf karoorfamee kuntaala 720,215 (>%100)irraa akka gahee ragaan ni mul’isa.Kunis jiddu-galeessaan waggaatti % 65.4 guddina argisiisee jira. Guddina kanaafiis sababaa kan ta’ee dhaabbileen hedduun hayyamma sanyii baay’isuu baafatanii hojii sanyii baay’isuu keessa waan galaniif (Yuuniyeen sanyii baay’isuu kan 2 turan gara yuuiyeenota 16 ol guddatanii jiru) akkasumas ISFO lafa qonna mootummaa harka ture waan argateef sanyii filatamaa barbaachisuu baay’inaan omishuu keessa galee jira. Kana irraa kan ka’e raawwiin sanyii filatamaa baay’isuu karoora KGT 2ffaa’n qabamee turee olitti omishuun danda’amee jira.
8. Makanizeshinii Qonnaa babal’isuu
Maasii qonnaan bulaa irratti lafa tiraaktaraan qotuun walqabatee bara 2007/08 hek 139,071 kan ture bara omisha 2011/12tti hek 740,134 irraan gahuun danda’amee jira. Lafa taayireejiin qotuu ilaalchisee bara 2011/12tti hek. 20,000 qotuuf karoorfamee raawwiin 14,629 (%73) raawwachuun danda’ameera. Facaaftuu sararaan bara omisha 2011/12tti lafa hek. 186,627 facaasuuf karoorfamee raawwiin hek. 129,154 (%69) raawwatame jira. Walumaagalatti, makaniyzeshinii omisha duraatti kan fayyadaman qonnaan bultoota 58,320 (Dhiira 52,488 fi Dubartii 5,832) fayyadamanii jiru.
Koombayinara fayyadamuun midhaan haamuu fi dhahuun wal-qabatee bara 2011/12 kombaayinara 405tti fayyadamuun lafa hek. 400,000 omisha kunt. mil. 17 ol irraa omishni kan sassaabame yoo ta’u, qonnaan bultootni 43,859 hirmaachisuun danda’amee jira.
Bifuma wal-fakkaatuun dhooftuu midhaaniitti fayyadamuun bara 2011/12 oomisha midhaanii kunt. 660,000 kan ittiin calleeffamee jira. Bara xumura 2011/12tti kuusaa fooyya’aa midhaanii (metal silo, hermatic bag, mosee) lakkoofsaan 25,000 hojjechuuf karoorfamee 148,099(>%100) raawwachuun danda’ameera.
Falfaltuu boqqoollootti fayyadamu ilaalchisee bara omisha 2011/12tti lakkoofsaan 377 ta’utti q/bulaan fayyadameera. Walumaagalatti, makaniyzeshinii omisha duraatti qonnaan bultootni 43,859(Dhiira 39473 fi Dubartii 4386) fayyadamanii jiru.

Our Vision / Mul'ata
By 2017, create an improved agriculture at the farmer level that will play a major role in industrial development.
Bara 2017 tti sadarkaa Qonnaan bulaatti qonna hammayaa’ee guddina industirtiif gahee ol’aanaa qabu uumuu.
እ.ኤ.አ. በ 2017 በኢንዱስትሪ ልማት ውስጥ ትልቅ ሚና የሚጫወት የተሻሻለ ግብርና በገበሬ ደረጃ ይፍጠሩ ።

Oromia Agriculture Growth
Agriculture in Oromia needs intense development to realize its potential.
Farm Oromia helps farmers push up the quantity, quality and value of what they produce.
Working with farmers growing crops, keeping livestock and managing fisheries, we help ensure farmers make the most of their land.
We share our expertise in growing the most appropriate and profitable crops. We help farmers gain access to high-quality inputs, improve soil quality, conserve water and prepare for climate shocks.
Mr. Beriso Feyisa
Deputy Head & Agriculture Development Manager
Agriculture Development Teams
Subscribe To Get Special Offer
Agricultural and farming services provide information, consulting, equipment, and supplies to the agricultural industry. Examples include government agricultural extensions, crop brokers and shippers, meat packers, produce distributors and wholesalers, and veterinarians.